Fana: At a Speed of Life!

Simmintoon seeraan ala kuufamee argame kamiyyuu mootummaadhaan dhaalamee gatii madaalawaan hawaasaaf kan rabsamu ta’a-MNO

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Simmintoon seeraan ala kuufamee argames ta’ee gatii shallagameen alatti gurguramu kamiyyuu mootummaadhaan dhaalamee gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf kan rabsamu ta’uu mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise.

Gabaa simmintoo tasgabbeessuuf sochii taasifamu gufachiisuuf qaama socho’u irratti tarkaanfiin seeraa kan  fudhatamu ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Dhimmicha ilaalchisuun mootummaan naannichaa ibsa baaseera. guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera:-

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seeraan alummaa gabaa simmittoo keessatti mul’atu sirreessuuf akkasuma gabaa tasgabbeessuuf abbootii warshaalee simmintoo naannoo keenya keessatti argaman waliin marii taasisuun rabsi simmintoo karaa waldaalee mootummaaa naannichaa gurmaa’anii akka raawwatamu waliigaltee mallatteessuun isaa ni yaadatama.

Bu’uuruma waliigaltee taasifameen waldaaleen IMX beekkamtii seeraa qaban 304 magaalotaafi godinaalee Oromiyaa hunda keessatti gurmeessuun rabsi simmintoo gatii madaalawaan karaa waldaalee kanneeni hawaasa naannoo keenyaaf akka dhiyaatu haaldureen xumuramee jira.

Waan ta’eef, daldaltoonni kanaan dura rabsa simmintoo irratti bobbaatanii turtan simmintoo man-kuusaa keessaa qabdan gatii Biiroon Daldalaa Oromiyaa murteessee godinaaleefi magaalota hundaaf dabarseen gurgurtaan akka raawwattan Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa.

Koreen dhimma kana raawwachiisuuf sadarkaa sadarkaan hundeeffame to’annoo cimaa akka taasisu tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatu kallattiin kennameera.

Abbootiin warshaalee simmintoo naannoo keenya keessatti argamtan bu’uuruma waliigaltee mallattaa’een humna guutuun oomishtanii faayidaan waloo hawaasaafi warshaalee akka mirkanaa’u, akkasumas walitti dhufeenyi warshaaleefi hawaasa naannoo sababa faddaaltotaan akka hin boorofne waliigaltee mootummaa naannichaa waliin mallatteessitan miira itti gaafatamummaa olaanaan akka bahattan barbaadama.

Kun kan ta’uuf ammoo qaalayinsa jireenyaa sababa faddaltootaatiin ummata irratti fe’ame cabsuun faayidaa waloo ummata bal’aafi warshaalee mirkaneessuu dirqama waan ta’eefidha.

Kanaafuu, kanaan booda waldaalee seera qabeessa rabsa simmintootiif eeyyama argatanii alatti simmintoon karaa seeraan alatiin kuufamee argames ta’ee gatii shallagameen alatti gurguramu kamiyyuu mootummaadhaan dhaalamee gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf kan rabsamu ta’uu mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa.

Tattaaffii mootummaan gabaa simmintoo tasgabbeessuuf taasisu qaama gufachiisuuf socho’u kam irrattittu tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiifna.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Caamsaa 30/2014

Finfinnee

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.