Fana: At a Speed of Life!

Silashii Sihiin Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa ta’uun filatame

Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)- Atileet Silashii Sihiin Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa ta’uun filatameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii idilee 28ffaarratti Atileet Silashii Sihiiniin waggoottan afran dhufan Federeeshinicha Pireezidaantummaan akka gaggeessan filateera.

Atileet Silashiin fiigicha fageenya giddugaleessaa meetira kuma 3, fageenya dheeraa meetira kuma 5 fi kuma 10, fiigicha daandiirraa kiiloo meetiraa 10, 15 fi 20 irratti, fiigicha qaxxaamura biyyaa, fiigicha maaraatoonii irratti waggoota 15 oliif dorgomaa tureera.

Atileet Silashiin, Atileet Abbaabaa Biqilaa, Atileet Maammoo Waldee fi Atileet Miruuts yifxar fa’aa booda dorgommii Atleetiksii Addunyaarratti olaantummaa argatee fi moggaasa “Lolaa Magariisaa” jedhu argateerratti Qananiisaa Baqqalaa fi Haayilee Gabresillaasee fa’aa waliin ta’uun Atileetii gumaacha taasiseedha.

Erga dorgommii dhaabees dameewwan garaagaraan taajaajilaa kan ture Atileet Silasii Sihiin, waggoottan afran dhufan Pireezidaantummaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa akka dursuuf filatameera.

Muuxanoo dorgommii Atileetiksii yeroo dheeraa fi naamusa qabuun cabiinsa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa mudate wal’aanuun gara maqaa gaarii isaa jalqabaatti ni deebisaan abdatameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.