Fana: At a Speed of Life!

Siirii Paayinti Fulbaana dhufurraa eegalee Ityoophiyaatti leenjii kubbaa miilaa guddattoota kennuufi

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Jarman Siirii Paayinti Fulbaana 2015 eegalee Ityoophiyaatti leenjii kubbaa miilaa guddattootaa kennuu akka jalqabu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksise.

Pirezidaantiin Federeeshinichaa Obbo Isaayyas Jiraa akka ibsanitti, giddugaloota leenjii banuun dargaggoota guddattoota leenjisuun ittigaafatamaa kilabootaa fi namootaa dhuunfaa ta’us, amma garuu haalli jiru kanaan faallaadha.

Kenniinsi eeyyamaa fi gurmaa’ina kilaboota kubbaa miilaa biyyattii qajeelaa akka hintaanee eeruun, kilaboonni hamma isaanirraa eegamu akka hinhojjenne taasiseera ibsan.

Waan ta’eef, federeeshinichi hanqina kana guutuuf guddattoota bal’inaan ga’oomsuuf hojiilee garaagaraa gaggeessa jiraachuu ibsu.

Federeeshinichi Amajjii 2014 dhaabbataa Jarmanii leenjii kubbaa miilaa daa’immaniirratti bobba’e waliin ta’uun Ityoophiyaatti leenjii kubbaa miilaa guddattootaa kennuuf waliigaltee mallateessuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhaabbatichi bara 2015 eegalee leenjii kennuu akka danda’u ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.