Siimkaardii, eeyyamni sobaa meeshaa waraanaa fi rasaasni shugguxii kaayyoo ABUT fi Shanee raawwachiisuuf oolaa ture shakkamtoota 2 waliin to’atame
Finfinnee, Sadaasa 5, 2014 (FBC) –Siimkaardii, eeyyamni sobaa meeshaa waraanaa fi rasaasni shugguxii kaayyoo ABUT fi Shanee raawwachiisuuf oolaa ture magaalaa Finfinneetti shakkamtoota 2 waliin to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.
Meeshaaleen kunneen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 8 iddoo addaa sharaa Taraa jedhamutti eeruu ummataa bu’uura taasiisuun oppireeshinii taasiifameen to’atamuu ibsameera.
Siimkaardiin 276, eeyyamni sobaa meeshaa waraanaa fi rasaasni shugguxii kaayyoo ABUT fi Shanee raawwachiisuuf oolaa ture shakkamtoota 2 waliin to’atamuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.