Fana: At a Speed of Life!

Siidaan Aksum irra deebiin tuuristootaaf banaa ta’e

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Siidaan Aksum irraa deebiin tuuristootaaf banaa ta’uu Waajjirrii Aadaa fi Tuuriizimii Magaalaa Aksum beeksise.

Hogganaan Waajjirichaa Obbo Gabiramadiin Fitsumbirhaan akka jedhanitti, hambaaleen kiliyyaa fi kiliyyaa hintaane Magaalaa Aksumiitti argaman tuuristootaaf banaa ta’aniiru.

Hambaaleen kunneen tuuristootaaf banaa akka ta’an hawaasni humna, maallaqaa fi ogummaa isaan hirmaannaan taasise olaanaa turuu dubbataniiru.

Hambaalee fi goda hambaa Magaala Aksumii fi naannawichatti argaman tuuristootaaf banaa ta’uu kaasaniiru.

Kanaan duraa hambaalee naannichatti argaman tuuristoonni biyya keessaa fi alaa kuma 30 ol daawwachaa akka turan yaadachiisaniiru.

Damee tuuriizimii naannawichaa bakka duraatti deebisuu fi hawaasni tajaajila tuuristootaaf kennu guddisuuf ogeeyyii suura kaasan, turjumaanota, bobbocaa fi faayaalee aadaa akkasumas abbootii qabeenyaa hoteelaaf leenjiin kennamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.