Fana: At a Speed of Life!

Siidaan Aartiisti Alii Birraa eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Siidaan Dooktara Kabajaa Aartiisti Alii Birraa eebbifame.

Siidaan Artiistichaa Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Nifaas Silki Laaftoo Naannawaa Haayilee Gaarmantiitti bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, ministiroonni, qondaaltonni olaanoo Federaalaa fi magaalattii argamanitti eebbifameera.

Saganticharratti Aartisti Alii Birraa yaadachuun waa lamaaf murteessaa kan dubbatan Kantiibaan Magaala Finfinnee Aadde Adaanach, bara rakkootti, bara namni walirratti duulutti, Tokkummaa “Raabbimoo namuma kan seera jallise; Haati teenya takka maaltu addaan nu baase” jedhe nama tokkummaa lallabe ta’uun, sirnoota darbaniin hidhaa fi godaansi isa mudate biyya hambaatti baqatus, “Anis Biyyan qaba” jedhee nama ofii fi lammii isaan boonu ta’uu nutti agarsiiseera jedhan.

Kanaaf, siidaan kun dhalootaaf hiikkaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Maalaqaa Obbo Ahimad Shideen gama isaaniin Dooktarri Kabajaa Alii Birraan, obbolummaan tokkumaa fi jaallalli ummataa akka dagaagu nama qabsaa’aa ture dha jedha jedhaniiru.

Hojiileen Aartii isaas Baha Itoophiyaatti qofa osoo hintaane Baha Afrikaatti kabajaa, beekamtii fi fudhatama kan qabu ta’u kaasnaiiru.

Nama akka kanaaf beekamtii kennuun fuuldurattis itti fufuu akka qabuu fi kanneen kana dhugoomsaniif galanni ni malas jedhan.

Addis Taammiraatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.