Fana: At a Speed of Life!

Sibiiloonni seeran ala kuufaaman hedduun qabaman

Finfinnee, Adooleessa 19, 2013 (FBC) – Sibiiloonni seeran ala kuufaaman hedduun to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.
Gareen Shororkeessaa ABUT diinagdee biyyattiirraa miidhaa guddaa qaqqabsiisuun ergama biyya diiguu qabate milkeessuuf shira xaxaa turee qorannoon bira ga’amuu Poolisiin beeksiiseera.
Sibiiloonni kunneen Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa dhaabbilee amantaa dabalatee Kuusawwan 17 keessatti kuufamanii argamuu Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Zalaalam Mangisteen ibsaniiru.
Sibiiloonni kunneen Birrii biiliyoona hedduutti kan tilmaamaman ta’uu ibsaniiru.
Eeruu ummataa bu’uura godhachuun Komishinii Poolisii Oromiyaa waliin hordoffii taasiifameen to’atamuu kaasaniiru.
Namoota gochaa seeraan alaa kana waliin shakkaman to’achuun qorannoon gaggeeffamuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun madda galii gareen Shororkeessaa ABUT biyya diiguuf fayyadamaa jiru hojii adda baasuu hojjetameen hanga ammaatti Birriin biiliyoonni 6 ol akka hin sochoone taasiisamuu itti aanaan Komishinaraa Jeneraalaa Zalaalam Mangisteen eeraniiru.
Bu’uuraalee misoomaa gurguddoo hojjechuuf Sibiiloonni qaraxarraa bilisaan galan hedduun seeraan ala kuusanii hojiirra akka hin ooleen taasiisuun yakka ta’uu ibsameera.
Sakattoo Poolisiin gaggeesseen Birrii miiliyoonni 1.2 mana nama dhuunfaa keessatti seeraan ala kuufame argamuu Komishinichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.