Fana: At a Speed of Life!

Shirri Yaalii badii Al-Shabaab cimina Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaan guutumaan guutuutti fashalaa’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Shirri Yaalii badii Al-Shabaab cimina Raayyaa Ittisaan guutumaan guutuutti fashalaa’uu Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Al Shabaab yeroo adda addaa kutaa Baha Ityoophiyaatti yaaddoo nageenyaa uumuuf yaaliwwan badii taasiisuus Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa shiricha fashaleessuun garee badii Al Shabaab barbadeessuu ibseera.

Garichi tibbana naannawaa Daangaa Ityoophiyaa fi Somaaliyaatti iddoo Dooolloo Kaambaas jedhamutti haleellaa raawwachuuf yaaliin taasiise Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaan fashalaa’uu Koloneel Fayyisaa Ayyalaan ibsaniiru.

Al Shabaab Fanjii konkolaataa lama guutuu fe’ee Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaarratti haleellaa raawwachuuf kallee kutee darbuun yaalii taasisus miseensonni Raayyaa Ittisaa eeggumsarra turan tarkaanfii irratti fudhachuun barbadeessuun himaniiru.

Shirri garichaa gootoota Raayyaa Ittisaan guutumaan Guutuutti fashalaa’uu ibsaniiru.

Al Shabaab Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaarratti irra deddeebiin yaalii haleellaa taasisus shirri garichaa fashalaa’uu Kutaa Waraanichaatti Hogganaan Guula Gamtaa Kumalaa Mahaammad Roobaleen ibsaniiru.

Hojiin humni nageenyaan hawaasa waliin qindoominaan hojjetan bu’aa qabeessa ta’uu kaasuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’usa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.