Fana: At a Speed of Life!

Shii Jiin Piing yaa’ii BRICS 15ffaarratti hirmaachuuf Afrikaa Kibbaa galan

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing yaa’ii hoggantoota ‘BRICS’ 15ffaarratti hirmaachuuf Afrikaa Kibbaa galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Joohaanisbeergi gahan Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa fi angaa’oota olaanoo biyyattiin simatamaniiru.

Shii Jiin Piingi, Afrikaa kibba si’a 2ffaaf daawwachuu isaaniin gammadoo ta’uu fi Pireezidaanti Siriil Ramaafoos waliin hariiroo fi faayidaa waloo Chaayinaa-Afrikaa Kibbaa irratti marii akka taasiisan ibsaniiru.

Akkasumas Afrikaa kibbaaf nagaa ummata Chaayinaa fi haawwii gaarii biyyattiif qaban dhiyeessuu CGTN gabaaseera.

Pireezdaanti Shiin bara kana waggaa 25ffaan hariiroo dippilomaasii Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa gidduutti eegalame akka kabajame yaadachiisaniiru.

Walitti dhufeenyi Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa cimaa fi guddachaa dhufe fayyadamummaa ummata biyyootaa lameenii mirkaneessuu qofa osoo hin taane, addunyaa jijjiirama fi jeequmsa keessatti tasgabbii caalu kan fidu ta’uu eeraniiru.

Sosochii daldalaa haaraa fi biyyoota guddachaa jiraniif waltajjii tumsa ijoo kan ta’e ‘BRICS’ guddina dinagdee addunyaaf, bulchiinsa idil-addunyaa fooyya’aa fi dimokiraasiin caaluu, ijaarsa hariiroo idil-addunyaaf bu’uura ta’uu eeraniiru.

Walga’iin ‘BRICS’ guddina sirna ‘BRICS’f boqonnaa murteessaa akka ta’uu, tokkummaa fi walta’iinsa biyyoota guddinarraa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan gargaaru ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.