Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Lixaatti Kitaabilee Wabii walitti qabuun eegalame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaatti kibaabilee wabii barnootaa kuma 11 ol walitti qabuuf guyyaa har’aa ifatti sochiin eegalameera.
Aadaa dubbisuu dhalootaa gabbisuuf kitaabilee wabii barnootaa manneen kitaabaa keessatti kuufamuun murteessaa ta’uu Itti gaafatamtuun waajira Aadaa fi Turizimii Godina Shawaa Lixaa Aadde Shankooree Indaalaa ibsaniiru.
Bara kana dhaaabbilee fi namoota dhuunfaa hanga aanaatti jiran qindeessuun kitaabilee wabii kuma 11 ol sassaabuuf karoorfamee guyyaa har’aa hojiin eegalamuu himaniiru.
Hojii tajajila lammuummaan dhaloota egeree biyyattiif murteessoo ta’an beekumsaa fi teeknooloojiin gabbisuuf arjoomni kitaabaa gaggeeffamuun manneen kitaabaa keessatti dhiyeessuun daraan murteessaadha jedhamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.