Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti lafa hektaara kuma 14 ol qamadii jallasiin misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaatti lafa hektaara kuma 14 ol qamadii jallisiin misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibsameera.
Bara kana akka godinichatti hektaara kuma 20 fi 865 qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfame keessaa marsaa jalqabaan lafti hektaarri kuma 14 ol qotamee facaasaan eegalamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinaa Shawaa Kaabaa obbo Masaay Warquu ibsaniiru.
Oomisha jallisii qamadii bara kanaaf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee hojjetamaa jiraachuu Daayreektarri olaanaan Ejansii Traanisfoormeeshinii damee Qonna Oromiyaa obbo Abbabaa Dirribaa himaniiru.
Karooricha milkeessuuf sanyii filatamaan, xaa’oo, keemikaalli qoricha aramaa fi Waagii yeroon dhiyaachuu kaasaniiru.
Facaasaa hanga oomisha sassaabbiitti Biiroon Qonnaa naannoo Oromiyaa hordoffii barbaachisu kan taasiisu ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjirra Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Kaabarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.