Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti dhalattoonni Warra Jaarsoo weerara vaayrasii koroonaatin namoota rakkataniif deeggarsa Birrii miiliyoona 1.8 olii laatan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaatti dhalattoonni aanaa Warra Jaarsoo weerara vaayrasii koroonaatin namoota rakkataniif deeggarsa Birrii miiliyoona 1.8 olii laatan.
 
Deeggarsichi daakuu fi ruuzii kuntaala 250 fi zayita liitira 1000.
 
Deeggarsi dhalattootarraa sassaabbamuun arjoomame kun namoota gandoota addaddaarraa calalaman kuma 1 fayyadamoo taasiseera.
 
Deeggarsa taasifameef bulchaan aanichaa obbo Girmaa Yilmaan galateeffachuu isaanii waajjirri dhimmoota koominikeeshinii aanichaa beeksiseera.
 
Koreen sassaabbii deeggarsaas hojiilee hubannaa uumuu fi deeggarsaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibseera.
 
Ummanni weerara vaayrasii koroonaarraa akka of eegus dhaamameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.