Fana: At a Speed of Life!

Shawaa dhihaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)-Shawaa dhihaa aanoolee 10 keessaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa fi uffaanni seeraa ergama badiif qophaa’an to’annaa jala oolu poolisiin beeksise.
Nammoonni meeshaalee kanneen waliin shakkaman 35 to’annaa jala oolaniiru.
Itti gaafatamaan qorataa yakka qajeelcha poolisii fi kenniinsa haqaa godinicha komaandaar Nuuressaa Akaanaa, meeshaleen kunneen to’anna jala kan oolan eeruu ummatan ta’u ibsaniiru.
Meeshaaleen to’anna jalaa oolan Shugguxii 9, qawwee 4, boombii 16, fanjii 2, raasaasoota kuma 5 olii fi gajaraawwan 10 akkasumas uffanni seeraa poolisii Oromiyaa duraanii fi kanneen biroon 22 to’atamu ibsaniiru.
Hawaasni sochii seeraan alaa qaamolee nageenyaaf eeruu akka laataniifi nageenyaa naaannoo isaanii akka eegan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.