Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Bahaatti Shanee 129 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) –Aanaalee Godina Shawaa Bahaa afuritti Oppireeshinii olaantummaa Seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa tureen miseensota Shanee 129 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.

Oppireeshinii Aanaalee Godinichaa Aanaa Bosat,Fantaallee,Liiban Cuqqaalaa fi Booraatti Raayyaan Ittisa Biyyaa,Poolisiin Federaalaa fi Humni addaa Oromiyaa Hawaasa bal’aa waliin ta’uun qindoominaan gaggeessaniin miseensota Shanee 129 irratti tarkaanfiin fudhatamuu himameera.

17 ammoo harkaa kennachuu fi meeshaalee waraanaa Kilaashii 29,Shugguxii 10,SKS 3,Rasaasa Kilaashii 600, Rasaasa Bireenii 200, Boombii F-One 2, doqdoqqeen 56 fi meeshaaleen garaagaraa too’atamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.