Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Bahaatti hojjettoota mootummaa kenna tajaajilaarratti rakkoo qaban 725 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti hojjettoota mootummaa kenna tajaajilaarratti rakkoo qaban 725 irratti tarkaanfiin garaagaraa fudhatamuu Waajjirri Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa godinichaa beeksise.

Godina Shawaa Bahaatti gabaasa taaksifoorsii kenna tajaajilaa ji’oottan lamaan dabranii dhiyaateen hojjettoota mootummaa 725 irratti tarkaanfiin garaagaraa fudhatamuu Waajjirri Pablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa godinichaa ibseera.

Tarkaanfiin kunis hojjettoota mootummaa sadarkaa godinaa hanga aanaatti jiran kenna tajaajilaa hawaasaaf kennan keessatti tajaajila alseerummaa, hojmaata badaa fi kiraa sassaabdummaa qaban irratti kan fudhatame ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan namoota 472f of eegannoo afaanii fi barreeffaamaa, 159 adabbii mindaa,namoonni 42 iddoo irraa kaafamuu, 22 hojiirraa dhorkamuu, 14 seeratti dhiyaachuu, 16 hojiirraa gaggeeffamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godina Shawaa Bahaa obbo Qumbii Loongallee himuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.