Fana: At a Speed of Life!

Shaneen diina ummata Oromoo maqaa Oromoon daldalu  garee badiiti-  Abbaa Gadaa Hundee

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Gareen Shororkeessaa Shanee kaleessa maqaa Oromoon daldalaa ture garee shororkeessaa ABUT gaa’ela kan raawwate diina Ummata Oromoo ta’uu Abbaan Gadaa Hundee Bayyanaa ibsan.

Dargaggoonni Oromoo Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun birmadummaa Ityoophiyaf dhaabbachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT  kabaja Ayyaanaa Irreecharratti lammiileen fixe yaadannoo yeroo dhiyoo hin dagatamne ta’uu ibsaniiru.

Garichi lammiileen mirga isaaniif wayita addabaabayitti ba’an afaan qawween deebii laachuu ture kan dagatamuu miti jedhan.

Sirni wayyaanee ummata Oromoof diina qofa osoo hin taanee garee badii dhaloota hin tallee ta’uu kaasaniiru.

Kaleessa ummata Oromoo hirirsaa turee har’a ammoo garee shororkeessaa maqaa Oromoon daldalu waliin hariiroo uumuun diina ummataa ta’uu isaanii mirkaneesseera jedhan.

Shaneen garee kana waliin  hariiroo uumuun badii ummata Oromoof hin tolleedha jedhan.

Maddi:-TOI

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.