Shamarree Hawwii Maatiyoos dorgommii Miidhaginaa ‘Miis Turiizimii Oromiyaa’ bara kanaa injifatte
Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Shamarree Hawwii Maatiyoos dorgommii Miidhaginaa ‘Miis Turiizimii Oromiyaa’ bara kanaa injifatteetti.
Dorgimmii kana irratti waliigalaan Shamarran 16 kan hirmaatan yoo ta’u marsaa sadiin calalamee dhuma irratti Shamarreen Hawwiin injifatteetti.
Miis Turiizimii Oromiyaa bara 2014 kan injifatte Haliimaa Abdushukur Ambaasaaddara Turizimii Oromiyaa Afriikaa Bahaa ta’uun muudamtee jirti.
Dorgimmiin kun yeroo lammaffaaf kan gaggeefame yoo ta’u Shamarreen Miis Oromiyaa ta’uun filatamte gama Turizimiitiin Oromiyaa kan beeksiftu ta’uu wayita waadaa galtu ibsitee jirti.
Dorgommicha 1ffaa-3ffaa kan ba’an badhaasa Birrii Kuma dhibba 1fi kuma 50 hanga Birrii kuma dhibba 2 badhaafamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.