Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni zayiita nyaataatti albuuda hinmalle makuun gabaaf dhiyeessan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Shakkamtoonni zayiita nyaataatti albuudaa hinmalle dabalanii fi qulqullinaa isaa hineegganne gabaaf dhiyeessan to’atamaniiru.

Magalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 1tti, daldalaa zayita nyaataa shakkamtootarraa bituun gara kutaa biyyatti erga geejjibsisee booda, sirrummaa fi qulqullummaa omishichaa shakkuun gara Finfinneetti fiduun kanneen omishichi irraa bitametti deebisaara.

Daldalichi oomishicha erga deebiseen boodaa eeruu poolisiif kenneen, poolisiin hordoffii taasisa tureen, sakatta’aa mankuusaa shakkamtootaatti taasiseera.

Haaluma kanaan zayita nyaata albuuda hinmalleen makamee fi qulqullina hineegganne jaarkaanii abbaa liitira 20tti guutamuun kuufaman waliin to’annoo jala oolchuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.