Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni yakka hannaa cimaan himataman addabbii cimaa hanga waggaa 70 adabaman

Finfinnee, Hagayya 18, 2016 (FBC) – Shakkamtoonni magaalaa Finfinnee iddoo garaagaraatti yakka hannaa irra deddeebiin raawwachuun himataman adabbii cimaa hanga 70 waggaa adabamaniiru.
Yakkamtoonni Saamu’eel Hayiluu fi Saabir Kadir jedhaman kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyaa aanaalee garaagaraatti manneen jireenyaa fi dhaabbilee cabsanii seenuun meeshaalee adda addaa hatuu isaanii Poolisiin ibseera.
Shakkamtoonni kunneen To’annoo jala ooluun erga qoratamaa tureen booda meeshaaleen hataman abbaaf akka deebi’uu taasiifamuu ibsameera.
Abbaan Alangaa galmeewwan himannaa gurmeessuun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha ramaddii Liddataaf dhiyeessuun murteen akka itti kennamu taasiisuu eerameera.
Haaluma kanaan Saamu’eel Hayiluun galmeewwan yakkaa 5 irratti dhiyaateen adabbii cimaa waggaa 70 yoo adabamu, Saabiir Kadiris galmeewwan yakkaa irratti dhiyaate 5 niin adabbii cimaa waggaa 65 adabamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.