Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni uffata dambii fakkaatu uffachuun ummata dogogorsaa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Shakkamtoonni uffata dambii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfiinnee fakkaatu uffachuun ummata dogogorsaa turan to’atamuu Poolisiin Magaalichaa beeksise.

Shakkamtoonni kunneen uffata Dambii fakkaatu uffachuun akka hojjetaan Abbaa taayitichaa hojmaata seeraan alaa raawwatee fakkeessuun beeksisa Suuqii hojjechuu isaanii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri Hariiroo Ummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Namoonni kunneen haala kanaan jiraattoota hedduu dogogorsiisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu dubbataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.