Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni sukkaaraa wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin walitti makuun damma jechuun gurguruuf qopheessaa turan to’ataman

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Shaakkamtoonni sukkaaraa wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin walitti makuun damma jechuun gurguruuf qopheessaa turan to’atamuu isaanii Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Shakkamtoonni kunneen kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqii Qaalitti aanaa 13 iddoo addaa Fantaa jedhamutti to’atamniiru jedhame.
 
Dammi bifa kanaa qophaa ture Barmeelli 5 fi qophaa’uun gabaarra ooluuf imalarra kan ture korojoon 9 to’atameera.
 
Shakkamtoonni kunneen keemikaaloota adii fi diimaa daakuu fakkatu wanti isaa hin beekkamne sukkaara waliin walitti makuun yeroo qopheessaa jiran harkaa harkatti qabamuu isaanii ibsameera.
 
Dhimmi shakkamtoota kanneenii qoratamaa jiraachuu ragaan Koomishinii Poolisii magaalaa Finfinneerra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.