Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni seeraan alaa horii gaanfaa biyyaa baasuuf yaalan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Shakkamtoonni horii gaanfaa seeraan ala biyyaa baasuuf yaalan 15 guyyaa har’aa to’ataman.

Guyyaa har’aa shakkamtoonni horii gaanfaa 104 karaa seeraan alaa biyyaa baasuuf yaalaa turan to’atamuu isaanii Koomiishinii Guumruukaa Ityoophiyaatti qindeessaan damee Humaraa Koomaandar Massale Yimaam dubbataniiru.

Shakkamtoonni kunneen kaaba dhiha naannoo Tigraay aanaa Adiyaaboo iddoo Adiiwaa’isaa jedhamutti qindoomina poolisii fi qaamolee nageenyaan to’annoo jala oolaniiru.

Shakkamtoonni kunneen yeroo ammaa buufata poolisii kan jiran yoo ta’u, Birrii kuma dhibba 3 fi kuma 6 waliin to’atamuu isaanii koomaandarichi ibsaniiru.

Torbee tokko duras shakkamtoonni 3 horii gaanfaa 66 karaa seeraan alaa biyyaa baasuuf yaalan to’annoo jala ooluun isaanii kan yaadatamudha.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.