Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni meeshaalee waraanaa fayyadamuun yakka hannaa raawwatan adabbii cimaan adabaman

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Shakkamtoonni Meeshaalee waraanaa fayyadamuun iddoolee garaagaraatti yakka hannaa raawwachaa turan adabbii cimaa waggaa 20 hanga umurii guutuu adabamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Himatamtoonni Tasfaayee Geetaachoo, Tagany Mootii, Baay’isaa Tasfaayee fi Addunyaa Oljirraa jedhaman gareen gurmaa’uu magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo iddoolee garaagaraatti meeshaalee waraanaa fayyadamuun yakka hannaa raawwachaa turaniin to’atamuun yakkaan himatamuu isaanii ibsameera.

Mana namoota dhuunfaa cabsuun meeshaalee waraanaan doorsiisuu fi reebuun Teeleeviizhinii, Qubeelaa Harkaa, Warqee mormaa, Laab tooppii,Kompiyuutara,Maallaqaa fi Moobaayiloota garaagaraa hatuu isaanii eerameera.

Abbaan Alangaa shakkamtoonni kunneen gareen gurmaa’uun yakka saamichaa meeshaalee waraanaan deeggarame raawwataniiru jedhuun himata irratti baneera.

Dhimma namoota kanneenii ilaalaa kan ture Manni Murtii Olaanaa Federalaa Dhaddacha ramaddii 1ffaa Lidataa himatamaa 1ffaa Tasfaayee Geetaachoo hidhaa umurii guutuun, himatamaa 2ffaa Tagany Mootii hidhaa waggaa 23, himatamtoota 3ffaa fi 4ffaa Baay’isaa Tasfaayee fi Addunyaa Oljirraa ammoo tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 20’n adabuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.