Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni lakkooftuu ibsaa seeraan alaa galchuuf yaalan qabaman

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Shakkamtoonni lakkooftuu ibsaa seeraan alaa galchuuf yaalan harkaa fi harkatti to’annoo jala oolfaman.

Shakkamtoonni kunneen lakkooftuu ibsaa abbaa feezii sadii galchina jechuun jiraataa Magaalaa Mojoo tokko irraa maallaqa gowwoomsanii akka fudhatanii fi namni gowwoomfames shakkiin wiirtuu tajaajila ibsaa Magaalaa Mojootiif eeruu kenneera.

Giddugalichi Poolisii naannichaa waliin ta’uun shakkamtoota lakkooftuu ibsaa seeran alaa waliin to’annaa jala oolchuu ragaan Tajaajila Elektirikii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Lakkooftuu ibsaa seera qabeessi Tajaajila Humna Ibsaa Ityoophiyaa qofaan kan dhiyaatuu ta’uu hubachiisuun, uummanni gowwoomsitoota irraa of eeguu fi haalota shakkisiisoo akkanaa wayita argan eeruu akka kennan gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.