Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni karaa seeraan alaa beenyaa qabiyyee lafaa Birrii miiliyoona 65 ol fudhatan hidhaa cimaan adabaman

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Shakkamtoonni karaa seeraan alaa beenyaa qabiyyee lafaa Birrii miiliyoona 65 ol fudhatan hidhaa cimaa waggaa 19 – 12 adabaman.

Magaalaa Finfinnee bakka Boolee Arrabsaa jedhamuun beekkamutti lafa Piroojektii qulqulleessa Bishaaniif barbaadame namoonni ragaa qabiyyee lafaa hin qabne 21 ragaa sobaa qindeessuun abbaa qabiyyee fakkeessuun Beenyaa Birrii miiliyoona 65 fudhachuu isaaniin yakka malaammaltummaa cimaan himatamaniiru.

Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti Bulchaa aanaa 6 dabalatee namoota yakkichaan himataman keessaa 16 to’annoo jala hin oolle jedhame.

Namoonni kunneen bakka jiranitti himatamanii turan.

Abbaan Alangaa ragaa namaa fi sanadaa dhiyeessuun namoota kanneen yakka malaammaltummaa cimaan himatee ture.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi ramaddii 5ffaa Liddataa dhimmoota Yakka Malaammaltummaa dhimmicha erga qoratee booda murtoo balleessummaa itti murteesseera.

Haaluma kanaan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti Bulchaa aanaa 6 Obbo Garramoo Gizaachow dabalatee namoonni 16 bakka jiranitti hidhaa cimaa waggaa 12 hanga 19 akka dabaman itti murteesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.