Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Imbaasii Immireetoota Araba Gamtoomanii Finfinneetti argamurratti haleellaa raawwachuuf turan 15 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Shakkamtoonni Imbaasii Immireetoota Araba Gamtoomanii Finfinneetti argamurratti haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa turan 15 to’annoo jala oolanuu ibsame.

Garee shororkeessaa biyya alaarraa ergama fudhachuun Imbaasii Immireetoota Araba Gamtoomanii Finfinneetti argamurratti haleellaa shororkeessummaa raawwachuun lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu fi teessoo dippiloomaasii Addunyaa fi Afrikaa kan taate maqaa magaalaa Finfinnee xureessuuf kanneen socho’aa turan 15 to’annoo jala oolanuu isaanii himameera.

Tajaalli odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa, Komishiniin Poolisii Federaalaa fi qaamoleen nageenyaa hordoffii cimaa taasiisaniin shakkamtoota haleellaa raawwachuuf qophiirra turan 15 to’annoo jala oolchuu himameera.

Tajaalli odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif akka ibseetti, shakkamtoonni kunneen meeshaaleen waraanaa gurguddoon, meeshaaleen dhoo’insaaf olaanii fi sanadoonni garaagaraa itti fayyadamuuf turan to’annoo jala oolaniiru.

Gareen kun haleellaa raawwachuuf qophii duraa, qorannoo fi odeeffannoo walitti qabaa turuu isaan ragaa qabatamaan argamuu ibsameera.

Tajaalli odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Baatii Sadaasaa, 2013 eegalee dhaabbilee odeeffannoo biyya keessaa fi alaa waliin ta’uun hordoffii cimaa fi odeeffannoo waljijjiiraa turuun haleellaa shororkeessummaa karoorfame fashaleessuun danda’umuu dhaabbatichi ibsa isaani eereera.

Garee Imbaasii Immireetoota Araba Gamtoomanii Finfinneetti argamurratti haleellaa raawwachuuf kanneen socho’aa turen keessaa muraasni osoo to’annoo jala hin ooliin dura naannoo Gamoo Imbaasichaatti meeshaalee waraanaa olaanoo qabachuun shira dhoksaaf wayita socho’an muul’achuu ibsichi himeera.

Miseensoota haleellaa kana raawwachuuf socho’aa turan dursaa kan ture namni umrii waggaa 35 Alii Ahimaad Ardaayitoo jedhamu Biiroo qorannoo yakkaa poolisaa federaalaa waliin qindoomuun to’annoo jala akka ooluu taasiifamuu ibsameera.

Alii Ahimaad Ardaayitoo haleellaa kan akka qindeessuuf Doolaarri Ameerikaa kumaatamaan lakkaawwaman ergamuufii ragaan mirkanaa’uu ibsameera.

Isa waliin haleellicha raawwachuuf shira qindeessaa kan ture shakkamaan Mahaammad Abduulqaanii jedhamus to’annoo jala erga oolee sakkattoo mana jireenyaa isaatti gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa, meeshaaleen hojii dhoo’insaaf oolanii fi sanadoonni argamuu himeera.

Haaluma walfakkattuun gareen kun Imbaasii Immireetoota Araba Gamtoomanii Sudaanitti argamurrattis haleellaa Shororkeessummaa raawwachuuf qophii taasiisaa turuu ibsi dhaabbatichi miidiyaaleef erge ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.