Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Abbaa qabeenyaa ugguruun Birrii miiliyoona 20 fudhatan 7 to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Abbaa qabeenyaa ugguruun Birrii miiliyoona 20 kan fudhatan shakkamtoonni 7 to’annoo jala oolfamuu Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Uggurtoonni Birrii miiliyoona 20 fudhatan Birrii miiliyoona 100 yoo kaffaltan malee jechuun marii dheeraa booda akka ta’e tajaajilichi ibseera.

Uggurtootaan kan qabamanii turan Buna alatti erguun kan jiraataanii fi Birrii miiliyoona 100 kan gaafataman Obbo Ingidaa Wudduun, nagaan maatii isaaniitti yoo makaman, uggurtootaan Warqee Birri miiliyoona 20’tti tilmaamamuu fi Doolaarri kuma 30 fudhatamee ture to’annoo jala ooluun maatiif akka deebifamu ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Uggurtoonni to’annoo jala oolfamanis qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru kan eeruu ibsi tajaajilichaa, kutaaleen hawaasaa rakkoo walfakkaataaf saaxilamaa jiran qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun yakkamtoonni itti gaafatamtoota akka ta’an tumsa isaanii akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Oppireeshinii gaggeeffamerratti Poolisiin Magaalaa Finfinnee fi Poolisii Oromiyaa galateeffachuun tarkaanfichi cimee kan itti fufu ta’uu ibsa miidiyaaleef ergeen hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.