Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan sanada sobaan Birrii miiliyoona 13 ol waliin dhahuun fudhatee miliqe to’annaa jala oole

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Shakkamaan sanada sobaan Birrii miiliyoona 13 ol waliin dhahuun abbaa qabeenyarraa fudhatee miliqe to’annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Shakkamaan kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qiirqoos aanaa 2 bakka addaa Mana Maxxansaa Seenteraal jedhamutti sanada sobaan Abbaa qabeenyaarraa Birrii miiliyoona 13 fi kuma 888 fudhachuun miliquu isaa ibsameera.

Hordoffii taasiifamaa tureen shakkamaan kun to’annaa jala ooluun dhimmichi qoratamaa jiraachuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.