Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan daddabarsa namoota seran alaatin Iintarpoolin barbaadamaa ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Shakkamaan daddabarsa namoota seran alaatin Iintarpoolin barbaadamaa ture to’annaa jala oole.
 
Shakkamtichi garee yakkaa daddabarsa namoota seeran alaa Ityoophiyaa, Sudaan, Soomaaliyaa fi Eertiraa keessatti hammatamuudhan yakka hojjechaa fi hogganaa tureera.
 
Koomiishiniin Poolisii Federaalaa akka beeksisetti, shakkamaa Kidaanee Zakkaariyaas Haaftamaariyaam tumsitoota isaa namoota shan waliin to’annaa jala oolera.
 
Shakkamtoonni namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesisuu, maallaqa olaanaa fudhachuu, uggurraa lammiilee, gudeeddii, hidhaa reebicha, ajjeechaan barbaadamaa turaniiru.
 
Yeroo ammaas shakkamtootarratti qorannaan taasifamaa jira.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.