Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan baala sammuu adoochu kuntaala 20 imalchiisaa ture too’atame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaa buufata Gumrukaa Xixxiichaatti shakkamaan baala sammuu adoochu kuntaala 20 imalchiisaa ture too’atamuu ibsame.
Shakkamaan kun baala sammuu adoochu ‘Kaanaabiis’ jedhamu Kiiloo Giraamaa kuma 2 yookaa Kuntaala 20 wayita imalchiisaa jiru too’atamuu himameera.
Baalli sammuu adoochu kun guyyaa kaleessaa magaalaa Shashamannee gara Nagallee Booranaatti konkolaataa fe’umsaan fe’amee wayita imalaa ture too’atamuu ibsameera.
Meeshaalee kun Birrii miiliyoona 6 olitti kan tilmaamamu ta’uus eerrameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.