Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Piroojektoonni Birrii miiliyoona 800 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC) –Magaalaa Shaggaritti Piroojektoonni Birrii miiliyoona 800 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifamaniiru.

Saganticharratti Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi qondaaltoonni magaalicha biroon argamaniiru.

Kutaa magaalaa Koyyee Facceetti piroojektoonni garaagaraa Birrii Miiliyoona 800 oliin baajata Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman xumuramuun taajajilaaf banamaniiru.

Piroojektoonni eebbifamaniis manneen barnootaa, daandiilee, mana murtii aadaa , buufata fayyaa , mana qorichaa hawaasaa ta’uu ragaan kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.