Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti ijaarsa seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhatameen lafti hektaarri kumni 3 fi 251 ol baankii lafaatti deebi’e

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuuf hojii jajjabeessan hojjetamuu ibsameera.

Manni Maree magaalichaa yaa’ii gaggeessaa jiruun gabaasa raawwii hojii seektaraalee dhaggeeffateera.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan gabaasa raawwii hojii dhiyeessaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti ijaarsa seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhatameen lafti hektaarri kumni 3 fi 251 ol baankii lafaatti deebi’uu eeraniiru.

Lafti tajaajila barbaadamuuf akka ooluuf, lafa hektaara 573 qopha’ee keessaa hektararri 201 dabarfamuu gabaasichaan ibsameera.

Gama bulchiinsa qabiyyee lafaatiini, lafa hektaara kuma 1 fi 179 ta’uuf kaartaan abbaa qabeenyummaa lafaa kennamuu eerameera.

Invanteeriin manneen mootummaa kuma 1 fi 948 fi manneen waliinii kuma 75 fi 636 irratti raawwatamuu ibsameera.

Bara baajata 2016tti waliigala galii Birrii biiliyoona 27 sassaabuuf karoorfamuu Dooktar Tashoomaan ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajila fayyaa si’aataa fi hawaataa taasisuun itti quufiinsaa fi fayyadamummaa hawaasa bal’aa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Dinqaa Baacaa fi Biiroo Kominikeeshinii magaalichaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.