Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Abbootii qabeenyaa kuma 1fi 600 lafa seeraan eeyyamamefin olitti fudhatanirrattin tarkaanffiin fudhatamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Abbootiin qabeenyaa kuma 4 fi 800 invastimantiin lafa fudhatan keessaa kumni 1fi 600 lafa seeraan eeyyamamefiin olitti fudhachuun tarkaaffiin seeraa irratti fudhatamuu Kantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Manni Maree magaalaa Shaggar yaa’ii idiilee kurmaana 4ffaa gaggeessaa jira.

Dooktar Tashoomaan Yaa’icharratti haasawaa taasiisaniin,
Magaalaan Shaggar Magaalaa diinagdee malee magaalaa lafti maqaa invastimantiin hidhamee taa’uu miti jedhaniiru.

Haaluma kanaan magaalichatti abbootii qabeenyaa lafa seeraan eyyamameefiin olitti fudhatan kuma 1fi 600 irratti tarkaaffiin seera yoo fudhatamuu,waliigalteen abbootii qabeenyaa 204 addaan cituu dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.