Shaggar fakkeenya obbolummaafi Wal-qixxummaan amantaaleeti – DooktarTashoomaa Addunyaa
Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) –Shaggar fakkeenya obbolummaafi Wal-qixxummaan amantaalee ta’uu Kaantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti sagantaan Afxiraa guddaan daandii irraa gaggeeffameera.
Kaantibaa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Alamaayyoo Tulluu, walitti qabaa mana maree dhimmoota islaamummaa Ustaaz Adinaan Jaafar akkasumas abbootiin amantaa garagaraa bakka argamanitti sagantichi Addabaabayii Kooyyeetti gaggeeffameera.
Magaalaan Shaggar bakka fakkeenya wal-qixxummaa amataaleefi calaqqee obbolummaa ta’uu Dooktar Tashoomaan ergaa saganticharratti dabarsaniin ibsaniiru.
Bulchaan kutaa magaalichaa Obbo Fiqaaduu Tulluun gama isaaniin baatiin ramadaanaa ji’a kabajamaa, tokkummaafi jaalalli hordoftoota amantichaa biratti calaqqisuufi ayyaana iddoo olaanaa qabu ta’uu ibsuun, qaamolee milkaa’ina sagantichaaf tumsan galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa