Fana: At a Speed of Life!

Shaashimanneetti baalli sammuu namaa hadoochuu ooyruurratti barbada’ee

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Godina Arsii lixaa aanaa Shaashamanneetti miseensonni humna addaa poolisii Oromiyaa fi aanichaan baala sammuu namaa hadoochuu ooyruu irratti barbadeessaniiru.

Oomishni baala sammuu namaa hadoochuu Kanaabis gandoota aanichaa 4 keessatti oomishamaa turee sakattoo qaamolee nageenyaa fi eeruu ummataatiin kan barbada’ee.

Duula miseensota kanaan baalli oomishame gabaaf qophaa’ee kuntaalli 156 gubachuu fi kanneen ga’aa jiran immoo lafa qonnaa hekteera 4 ol irraa jiru mancaafamuu ibsameera.

Ooyiruun qonnaa lafti hekteera 12.5 baala sammuu namaa hadoochuun uwwifame jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Godina Arsii lixaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.