Shaashamanneetti waldaaleef tiraaktaroonni 589 dabarfaman
Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC)- Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti qonnaan bultootaa fi waldaalee IMX’n gurmaa’aniif tiraaktaroonni 589 dabarfamaniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsichaarratti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.
Tiraaktaroonni kunneen ‘Dhaabbata Keenyaan’ kan dhiyaatan yoo ta’u, inisheetivoota qonnaa xiyyeeffannoon kennameef milkeessuu fi qonna ammayyeessuun oomishaa fi oomshitummaa guddisuuf shoora olaanaa qabatas jedhameera.
Dassaalanyi Abarraatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.