Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti Maallaqni seeraan alaa too’atame

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) -Bulchiinsa magaala Shaashamanneetti Birrii miiliyoonni lamaa fi kumni 200 ol qabamuu odeeffannoon Waajjira Poolisii Magaalichaa beeksise.

Maallaqichi kan dhaabbata Huccuu Chaayinaa magaalaa Bishooftuutti hatamee miliqfame ta’uu itti gaafatamaan dhimmoota Kommunikeeshinii Qajeelcha Poolisii Magaala Shaashamannee Inispeektar Taammiraat Abbabaa himaniiru.

Shakkamaan maallaqni harkatti qabame keessaa tokko konkolaachisaa dhaabbatichaa yoo ta’u; hiriyaa isaa waliin shariikomuun maallaqicha miliqsuuf yaalani.

Konkolaachisichi hojjatoota lammiin Chaayinaa ta’an waliin maallaqa kana torbeetti baankii galchuuf waliin imalaa turani.

Kaleessas haala walfakkaatuun akkuma baankiitti qajeelaniin hiriyaa ofiif bilbiluun dubartoota kanniin cuubeen sodaachisuun maallaqicha miliqsuuf yaalameera.

Konkolaataa dhaabbatichaa Maqiitti dhiisuun Baatuu bulanii kaleessa gara barfataatti Magaala Shaashamannee ganda Awaashootti bakka siree qabatanitti eeruu ummataan qabamaniiru.

Akka odeeffannoo Inispeektar Taammiraat irraa argameetti shakkamtoonni kunniin qarshii kana qabatanii Moyyaleerraan gara Keeniyaatti miliquufi.

Qabeenyi shakkamtoonni kunniin dhaabbata Chaayinaa magaala Bishooftutti huccuurratti hojjaturraa miliqsuuf yaalan kan biroos yoo jiraate qoratamaa jira.

Odeeffannicha galaachaa keenya Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.