Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti guyyaa har’aa biqiltuuwwan miiliyoonni 2 ol dhaabamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Magaalaa Shaashamanneetti duula dhaabbii biqiltuun guyyaa har’aa biqiltuuwwan gosti garagaraa miiliyoonni 2 ol dhaabamaa jira.

Magaalattiitti bara kana biqiltuuwwan faayidaa diinagdee qaban, biqiltuuwaan bosonaa fi miidhaginaa miiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Kantiibaan Magaalattii Obbo Abdusalaam Muhaammad himanii jiru.

Magaalichatti hanga ammaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 2 dhaabachuu Obbo Abdusalaam ibsan.

Dhaabbanni Itiyoo Teeleekoomis hanga Adooleessa 30,2016tti biqiltuu kuma 500 ol dhaabuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hojjettoonnii fi hoggansi dhaabbaticha har’aa bakka hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireewat Taammiruun argamanitti Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiiti biqiltuu dhaabaniiru.

Biqilaa Tufaa fi Saamu’eel Warqayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.