Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti gidaara jigeen lubbuun barataa darbe

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti gidaarri (girgiddaa) daree barnootaa jiguun lubbuun barataa tokko darbe.

Balaan kun kan mudate mana lamaa walitti deebisuu fi gidaarri muramee gara oliitti hafe jiguun ta’uu Waajjira Poolisii Aanaa 2ffaatti Hoggaanaan Diviizhinii qorannaa yakkaa fi murtii haqa kennisiisaa Gargaaraan Inspeektaraa Birhaanuu Mangistuu eeraniiru.

Balaa kanaan lubbuun barataa tokkoo yoo darbu barattoota sadirra miidhaan qaamaa ga’uun ibsameera.

Itti Aanaan Dura Bu’aa Mana Barumsaa Biraayit Obbo Garoo Dullee gidaarri kun waan golgameef jiraachuu isaa akka hinbeekne himan.

Balaan akkanaa akka hinmudanne sakatta’iinsa taasisuu fi qulqullina daree mirkaneessuun barbaachisaa ta’uun himameera.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.