Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti dargaggoota hoji dhabeeyyii ga’uumsa ogummaan leenji’an hojiitti galaniiru jedhame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC)- Magaalaa Shaashamanneetti dargaggoota hoji dhabeeyyiin ga’uumsa ogummaan leenji’an 455 hojiitti galaniiru jedhame

Sagantaa Dargaggoota leenji’aan hojiitti galchuuf qophaa’erratti Hoogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaan, diinagdeen guddachuu fi rakkoo hoji dhabdummaa furuuf dargaggoota ogummaan gahoomsuun murteessaadha jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjirra carraa hojii uumuufi ogummaa magaalaa Shaashamannee obbo Wondasen Shaanquxee Magaalichatti dargaggoota hoji dhabeeyyii 455 leenjisee hojitti galchuu ibsaniiru.

Ga’uumsa ogummaa fudhachuun daraggootaa hojiitti kan galan keessaa 274 shamarran ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi walta’iinsa Ministeera Hojii fi Ogummaa fi deeggarsa Baankii Addunyaarraa argameen kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Nabiyaa Mahammad, angowoonni mootummaa fi qaamoleen hawaasa garaagaraa argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.