Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti balaa tiraafikaa guyyaa kaleessa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti balaa tiraafikaa guyyaa kaleessa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbeera.

Konkolaataan Doolfiinii  magaalaa Kofaleerraa nama 13 fe’uun gara Shaashamannee osoo imalaa jiru galagaluun balicha qaqqabsiiseera.

Qajeelcha poolisii Godinichaatti Qindeessaa Divizhinii Too’annoo Nageenya Tiraafikaa Inispeektara Olaanaa Gosee Dheekkoo, balaan kun aanaa Shaashamannee ganda Huursaa Simbootti qaqqabeera jedhan.

Ka’umsi balaa kanaa qoratamaa jiraatus iddoon konkolaataan kuni itti garagale bakka irraan gadee hamaa qabu ta’uu FBC’f himaniiru.

Lubbuun konkolaachisaa fi gargaaraa dabalatee namoonni 9  yoo darbu, namoonni 6 miidhaa cimaa fi salphaan irra gahee wal’aanamaa jiru.

Konkolaachiftoonni lafa irraan gadee qabu irratti of eeggannoo addaa gochuu akka qabani Inispeektar Olaanaa Gosee Dheekkoo dhaamaniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.