Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa 2ffaan olaantummaa Ityoophiyaan xumurame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa 2ffaa olaantummaan golobde.
Shaampiyoonaa guyyoota lamaaf giddu gala leenjii Ispoortii Raas Hayiluutti gaggeeffamaa tureen Ityoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 24, Meetii 23 fi Naahaasii 33 waliigala meedaaliyaa 80 argachuun shaampiyoonaa dorgomichaa taateerti.
Seeneegaal Meedaaliyaa Warqee 1, Moozaampik Meedaaliyaa Meetii 2 argachuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.
Dhiirootaan Ba’imnat Shuumee fi Abeeneezar Makoonnin, dubartootaan Daagim Kiroosii fi Haannaa Ababaayyahu urjiiwwan taphichaa ta’uun badhaasa addaa argataniiru jedhame.
Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa jalqabaa bara Faranjootaa 2019 Taanzaaniyaa Daaresalaamitti gaggeeffameen Ityoophiyaan Meedaaliyaa 9 argachuun dorgomicha olaantummaan xumuruun kan yaadatamuudha.
Shaampiyoonaa Teekaawaandoo Idil Addunyaa Afrikaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Ityoophiyaa, Gaambiyaa, Seeneegaal, Ugaandaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa, Kootdiivaaheer, Moozaambiik, Jiibuutii, Biruundii fi Zaambiyaan hirmaachaa turuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.