Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa  olaantummaa Oromiyaan xumurame

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa  magaalaa Asallaatti guyyoota 6’f gaggeeffamaa ture olaantummaa Oromiyaan xumurame.

Shaampiyoonnicha Oromiyaan koorniyaa lamaaniinuu qabxii walii galan injiffachuun abbaa waancaa ta’ee jira.

Sagantichi guyyaa har’aa bakka itti aantuun preezdaantiin Federeeshiinii Atleetiksii Ityoophiyaa Atleet Daraartu Tulluu, keessummoonni kabajaa federaalaa fi naannoolee argamanitti sirna hoo’aa ta’een xumuramuu isaa ragaan Federeeshiinii Atleetiksii Ityoophiyaa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.