Shaampiyoonaan Atleetiksii addunyaa umrii 20 gadii har’a dorgommiiwwan garaagaraa keessummeessuun ni xumurama
Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Fiigicha xumuraa fi cufiinsaa Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa umrii 20 gadii har’a fageenyawwan garaagaraan gaggeeffamurratti Atleetoonni Ityoophiyaa ni hirmaatu.
Halkan Sa’aatii 6:00 irraa eegalee fiigichi xumuraa meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti kan fiiggamu yoo ta’uu,Birqee Hayyaloomii fi Mabrihiit Makonniin ni eegamu.
Sa’aatii 6:16 irratti fiigicha xumuraa meetira 800 dhiiroota gidduutti dorgomamuun Atleet Marsiimooyi Kaasahuunii fi Eermiyaas Girmaa tilmaama injifannoo argataniiru.
Akkasumas fiigicha xumuraa meetira kuma 5 dubartoota gidduutti sa’aatii 6:25 irraa eegalee fiiggamuun Atleet Madinaa Isaa fi Makiliit Wudduu Ityoophiyaaf meedaaliyaa dabalataan ni argamsiisuun eegamu.
Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 sa’aatii 7:00 irraa eegalee dhiiroota gidduutti dorgomamuun Atleet Saamu’eel Fireew fi Saamu’eel Dugunaa tilmaama injifannoo olaanaa argataniiru.
Fiigicha hanga ammaatti fiiggameen Ityoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 3 fi Nahaasii 1, meedaaliyaa 6 walitti qabachuun addunyaarraa sadarkaa 4ffaarratti argamti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.