Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii guddaattoota Oromiyaa 2ffaan guyyaa Asallaatti eegale

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)- Shaampiyoonaan Atileetiksii guddaattoota Oromiyaa 2ffaan guyyaa har’a magaalaa Asallaatti eegalameera.
Dorgommiin Atleetiksii guddattoota Oromiyaa 2ffaan kun hanga Gurraandhala 7ttii fufee morkiwwan garaargaa keessummessa turees jedhameera.
Shaampiyoona kanarratti giddugalli leenjii guddattootaa , projeektoonni, Godinaaleefi bulchiinsoonni magalaaa irratti hirmaachaa argamu.
Gosoota dorgommii garaagaraatiin atleetoonni 700 oli koorniyaa lamaaniinuu akka qooda fudhataniis preezdaatiin federeshiinii atleetiksii Oromiyaa obbo Naggaa Tujubaa dubbataniiru.
Kaayyoon guddaan waldorgommii kanaas atleetoota ciccimoo naannoo fi biyya keenya bakka bu’un horachuu akka ta’ees obbo Nagaa Tujubaa himaniiru.
Dorgomtoonni shaampiyoona kanarratti qabxii gaarii galmeessan Oromiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoona guddattoota biyyaaleessarratti hirmaatus jedhameera.
Dajanuu Gonfaatu gabaase
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.