Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaan boruu jalqaba

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Ameerikaa Oreegoonitti kan gaggeeffamuu Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaan boruu jalqaba.

Dorgommicha, Ityoophiyaan dhiiraa 21 fi dubartootaa 19 waliigalaan atileetota 40’n akka hirmaattu eerameera.

Atileetonni kunneen fiigicha gufachiisaa meetira 800, 1500, 300’n akkasumas fiigichaa meetira kuma 5 fi kuma 10 akkasumas maaraatooniin akka hirmaatan eerameera.

Boruu sirna baniinsa dorgommichaarratti aatileetonni ityoophiyaa dorgommii gulaallii akka gaggeessaan eegama.

Shaampiyoona kanarratti atileetonni kuma 1 fi 972 biyyoota 192 rraa gosootaa dorgommii 50’n, atileetonni 49 dhuunfaan, 1 ammoo gareen akka hirmaatan ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.