Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetikisii Itiyoophiyaa Amajjii 21 eegala

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Shaampiyoonaan Atileetikisii Itiyoophiyaa 53ffaan Amajjii 21-26, 2016’tti Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksise.

Sagantichis Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti qaggeeffama jedhameera.

Dorgommicharratti naannolee, bulchiinsa magaalotaa, kilabootaa fi dhaabbileen akka hirmaataniif kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Kana malees, ga’umsa Atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii 23ffaa Kaameeruunitti gaggeeffamu, dorgommii Afrikaa Maraa Gaanaa Akraatti gaggeeffamuu fi Olompikii Paaris irratti hirmaatanii akka sakatta’uuf ta’uun eerameera.

Dorgommicharratti atileetota sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’anii fi ulaagaa barbaadamu guutan fuulduratti dorgommiiwwan sadarkaa ardiitti gaggeeffamaniirratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu jedhameera.

Dorgommiiwwan 40 ol kan irratti gaggeeffamu waltajjii kanarratti atitileetonni naannolee shan, bulchiinsa magaalotaa, kilaboota 27 fi dhaabbilee garaagaraarraa baba’an kuma 1 fi 102 kan hirmaatan ta’uun eerameera.

Warqinaa Gaashaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.