Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaan har’a dorgommiiwwan xumuraa ni gaggeeffamu

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) –Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun Magaalaa Duuwaalaatti gaggeeffamaa jirun har’a dorgommiiwwan xumuraa Atileetoonni Itiyoophiyaa itti hirmaataan ni gaggeeffamu.

Haaluma kanaan fiigichi xumuraa meetira 800 koorniyaa lamaaniinuu kan dorgomamu yoo ta’uu, Dubartootaan Atileet Qisaanatti Alem, dhiirootaan Atileet Yohaannis Tafarraan Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.

Fiigichi kun galgala sa’aatii 1:10 hanga 1:20 fiigama.

Fiigichi gufachiisaa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti galgala sa’aatii 1:55 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Atilee Hirkoo Hayiluu, Hayilemaariyaam Amaaree fi Saamu’eel Dhugumaan morkiin taasiisaan ni eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.