Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaan Ityoophiyaan gabatee sadarkaa 2ffaarra teesseetti 

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan gabatee sadarkaa 2ffaarra teesseetti.

Shaampiyoonichaan Ityoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa warqee 3 fi Meetii 3 fiduun Ameerikaatti aanuun sadarkaa 2ffaarratti argamti.

Dorgommii hanga ammaatti gaggeeffameen Ameerikaan meedaaliyaa warqee 6, meetii 4 fi nahaasa 6’n sadarkaa 1ffaarratti argamti.

Keeniyaan gamasheen meedaaliyaa warqee 1, meetii 2 fi nahaasa 2’n Ityoophiyaatti aanuun sadarkaa 3ffaarratti argamti.

Shaampiyoonaa kanarratti Atileetonni biyyoota 192 irraa walitti bobba’an kumni 1 fi 972 dorgommiiwwan atileetiksii 50 irratti hirmaachaa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaan Ameerikaa Ooriganitti gaggeeffamaa jiru Adoolessa 17, 2014 ni xumurama jedhamee eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.