Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Atileetiksii 2ffaa Guddattoota Oromiyaa umurii 18 gadii Bulchiinsi Magaalaa Asallaa Olaantummaan Xummure

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC)- Shaampiyoonaa Atileetiksii 2ffaa Guddattoota Oromiyaa umurii 18 gadii Bulchiinsi Magaalaa Asallaa Olaantummaan Xummure.
Shaampiyoonaan Atileetiksii 2ffaa guddattoota Oromiyaa umurii 18 gadi magaalaa Asallaatti gosoota ispoortii sadii utaalchoo,darbannaa eeboo fi fiigichaan jila atileetiksii 750 caalan hirmaachisee kan geggeeffame yoo tahu bulchiinsi magaalaa Asallaa Shaampiyoonaa taheera.
Godinni Gujii fi Yuunivarsitiin Amboo sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabachuun goolabaniiru.
Sagantaan leenjii Atileetiksii Guddattoota Oromiyaa Umurii 18 gadii torban tokkoof magaalaa Asallaatti geggeeffamaa turee kun bulchiinsa magaalotaa fi godinaalee Oromiyaa kan hirmaachise yoo ta’u guddattoota Oromiyaa bakka bu’uun darbani deeman baasuuf qooda olaanaa qaba jedhameera.
Komishinarri komishinii ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen sagantaa cufiinsa shaampiyoonaa atileetiksii 2ffaa guddattoota Oromiyaa umurii 18 gadii kanarratti argamuun atileetoota gosoota ispoortii garaa garaan sadarkaa 1 hanga 3 qabachuun xummuraniif badhaasa kennuun ciman shaakala itti fufu akka qaban atileetoota dorgommicharratti hirmaataniif hojii manee kennaniru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.